ONM-ABO Hagayya 31, 2024
Qondaaltonni Moongooliyaa Vilaadmiir Puutiin torbee dhufu biyyattii yoo daawwatan to’annaa jala oolchuuf ”dirqama” qabu jechuun Manni Murtii Yakkaa Idil-addunyaa (ICC)’n beeksise.
Imalli Kibxata ta’a jedhamee eegamu kun erga manni murtii Bitootessa 2023 akka hidhaman ajajee booda hogganaan Raashiyaa biyya miseensa ICC daawwatan yeroo jalqabaatiif ta’a.
Qondaaltonni Yukireen Obbo Puutiin erga biyyattii gahaniin booda Moongooliyaan akka to’attu gaafatanis, Kireemliin daawwannaa kanaaf ”yaaddoo hin qabu” jedheera.
Dubbi himaan Kiremlin Dimitiri Peeskov Moskootti gaazexeessitootaaf ibsa kennaniin, ”michoota keenya Moongooliyaa irraa dhufan waliin hariiroo gaarii qabna,” jedhan.
“Dhugaadha, daawwannaa Pirezidaantichaa gama hundaan of eeggannoodhaan qophaa’eera.”jedhan.
Dubbi himaan ICC Dr Fadi el-Abdallah Jimaata kaleessaa BBC’tti akka himanitti, manni murtii kun ”murtii isaa raawwachuuf” Biyyoota waadaa kana seenan Moongooliyaa dabalatee irratti hirkateera.
Moongooliyaan akkuma biyyoota ICC mallatteessisan biroo ”dirqama tumsuu” qabdi jedhan; Kunis ajaja hidhaa kan manni murtii bara 2023’tti Mr Puutiin hidhamuuf baase kabajuu dabalata.
Manni murtichaa pirezidaantiin Raashiyaa yakka waraanaaf itti gaafatamummaa qaba jechuun kan himate yoo ta’u, kunis daa’imman Yukireen irraa gara Raashiyaa seeraan ala ari’uu irratti xiyyeeffate BBC’n gabaaseera.



