ONM-ABO Fulbaana 1, 2024
Uummanni Oromoo erga bittaa alagaa jalatti kufee booda akka sabaatti hiree isaa dhabee sarbamiinsi mirgoota namoomaa bara dhufaa darbaa irratti wal furaa har’a ga’us, yeroo ammaa immoo addumatti babal’achuun jumlaan ajjeefamuun ilmaan Oromoo daran dabaleera.
Bilxiginnaan qe’ee uummata Oromoo taadhii ta’e kana waraana wal irraa hin citneen deega itti galchuun uummatichi rakkoo baroota jiraate keessatti argee hin beeknetti kufuun galgalaa fi ganamni isaa boo’icha ta’ee jira.
Haaluma kanaan waraanni impaayera Itiyoophiyaa Hagayya 27, 2024 godina Arsii Bahaa aanaa Heexosaa ganda Jaawwii Cilaaloo jedhamu keessatti namoota nagaa maqaa WBO deeggartu jedhuun badii tokko malee ajjeesuu odeeffannoon gama jiraattota Jaawwii Cilaaloo irraa arganne ni addeessa.
Namoonni ajjeefaman maqaan isaanii:
- Muktar Abdullee Dhugoo,
- Awwal Gannaa Dammoo,
- Tamaam Manzaa Garrisoo,
- Muddiin Ahimed Kadir,
- Abdii Sa’id Dhaddachoo,
- Abdallaa Asaboot Godaanaa, Shidee (Sa’idoo) Karaabaa Yoosoo fi
- Umar Kadiiroo Umar ta’uu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.


