• Sat. Aug 29th, 2026

Godina Baha Wallaggaa aanaa Saasiggaatti konkolaachisaan loltoota PP ogeessa fayyaa tokko konkolaataa irra baasuun ajjeese

Sep 1, 2024

ONM-ABO Fulbaana 1, 2024

Rakkoo impaayerattii keessatti adeemaa jiruun murni bilxiginnaa gaaffii sabichaa karaa sirrii ta’een deebisee boqonnaa laachuufii irra karaa miidiyaa fi dabballoota of harkaa qabaniin holola isaanii  akka waan WBO’n araara hin feeneetti facaasuun, ajjeechaa namoota nagaa irratti fuulleeffatanii raawwachaa jiru.

Guyyaa irraa irraa gara guyyaatti loltoonni PP osooma beekanii gochoota suukkaneessaa ilmaan Oromoo irratti raawwachaa kan oolan ta’uun ni beekama.

Godina Baha Wallaggaa aanaa Saasiggaatti konkolaachisaan loltoota PP ogeessa fayyaa tokko konkolaataa irra baasuun ajjeesee jiraachuun ibsame.

Jiraataa magaalaa Baloo kan ta’e nama maqaan isaa Saamu’eel Ayyaanaa jedhamu Hagayya 30, 2024 naannoo sa’a 11:00’tti konkolaachisaan loltoota PP tokko osoo beekuu paatiroolii irra baasuun ajjeesuu namoonni ijaan argan ONM’f himaniiru. 

Akka namoonni kun jedhanitti,  Saamu’eel nama ogeessa fayyaa  ta’ee fi siyaasa kam keessaa kan hin qabne ta’uu dabaluu ibsaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading