ONM-ABO Fulbaana 1, 2024
Maqaa “daandii magaalaa babal’isuu ykn Smart City” jedhuun ergamtoonni bilxiginnaa magaalota Oromiyaa cufa keessaa manneen daldalaa fi jireenyaa hedduu sababa tokko malee uummata jalaa diigaa kan jiran ta’uu yeroo adda addaa irra deddeebiin isiniif gabaasaa turuun keenya ni yaadatama.
Bu’uuruma kanaan, haala adda ta’een manneen uummataa diiganii dhiiga boossisuu fi jireenya dhabsiisuu kan amaleeffatan akkuma amala isaanii duriitti magaalaa Hoolotaa keessaa manneen uummataa sababa tokko malee diigaa jiraachuun ibsameera.
Beenyaa tokko osoo hin kaffaliniif manneen hawaasaa diiganii mancaasaa kan jiran ergamtoonni murna gabroomfataa PP, hoteelota magaalaa Hoolotaa keessaa kanneen maqaan isaanii:
- Hoteela Oftaanaa,
- Hoteela Goldeen,
- Hoteela Warqinash lakk. 1ffaa,
- Hoteela Harmonii,
- Hoteela Hoolotaa Oromiyaa fi manneen gurguddoo hedduun sababa tokko malee jalaa diigamuun rakkoo hammaataaf isaan saaxilee jiraachuu maddeen eeranii jiru.
Akka maddeen jedhanitti, manneen lakkoofsa hin qabne hedduun maqaa “daandii magaalaa babal’isuu” jedhuun uummata jalaa diigamaa kan jiru ta’uu himuun, beenyaan lafa isaanii illee kennameefii kan hin jirre ta’uu dubbataniiru.






