• Fri. Mar 13th, 2026

Waraanni maafiyaa PP godina Baha Harargee aanaa Baddannootti uummata nagaa dararuu fi hidhuu jabeessee itti fufe

Sep 1, 2024

ONM-ABO Hagayya 31, 2024

Dhiiga ilmaan Oromoo dhangalaasee umurii aangoo isaa waan dheereffatu kan itti fakkaatu, gareen nama nyaataa Bilxiginnaan goleelee Oromiyaa mara keessatti uummata meesha maleeyyii ajjeesuu, hidhuu fi dararuu akkasumas saamuu aadeffatee jira.

Haaluma kanaan Hagayya 28, 2024 waraanni Bilxiginnaa godina Baha Harargee aanaa Baddannoo ganda Saalii jedhamu keessatti sababa “deggarsa maallaqaa paartii keenyaaf hin taasisne” jedhuun namoota Afur (4) harka duubatti hidhuudhaan reebicha hamaa erga irraan geessisaniin booda badii tokko malee mana hidhaatti darbachuu maddeen  nuuf himan.

Akka maddeen keenya himanitti, namoota hidhaman keessaa kan ammaaf maqaan isaa adda ba’e Obbo Baaruddiin Adam Mohaammad nama jedhamu yoo ta’u, namoonni kunneen siyaasa kam keessaayyuu qooda akka hin qabnee fi hawaasa naannoo biratti jaallatamummaa guddaa akka qaban illee Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading