• Tue. Nov 24th, 2026

Filannoo paarlaamaa ariifachiisaa Azarbaajaan keessatti geggeeffamuun sagalee kennuun adeemsifame

Sep 2, 2024

ONM-ABO Fulbaana 2, 2024

Filannoon paarlaamaa ariifachiisaa Azarbaajaan keessatti gaggeeffamuuf banamee jira. Kunis erga bara darbe humnoota saba Armeeniyaa irratti haleellaa hin eegamne ta’ naannoo duraan addaan baate Nagorno-Karabak guutummaatti to’attee booda isa jalqabaati.

Sagalee kennuun kun Dilbata ganama sa’aatii 8 (04:00 GMT) irraa eegalee kan jalqabe yoo ta’u, galgala sa’aatii 7 (15:00 GMT) irratti cufameera. Biyya Giddugaleessa Eeshiyaa boba’aan badhaate kana keessatti namoonni miiliyoona 6.4 ol filachuuf galmaa’aniiru. Sagalee kennuun waggoota 30 booda yeroo jalqabaaf magaalaa Nagorno-Karabak keessatti gaggeeffamee jira.

Pirezidaantii Ilham Aliyev yeroo baayyee biyya namoota miliyoona 10tti siqan qarqara galaana Kaaspiyaan jiran keessatti mormii ukkaamsuun, harka ulfaataan bulchuu isaatiin himatama. Azarbaajaan hoggansa isaanii jalatti guddina dinagdee kan argite yoo ta’u, al-ergii boba’aa fi gaazii uumamaa guddaa ta’een kan guddatedha. Hogganaan ganna 62 kun abbaa isaanii Heydar Aliyev kan bara 1993 hanga 2003 gidduutti pirezidaantii turan bakka bu’aniiru.

Paarlamaa aangoo irraa ka’aa jiru keessatti teessoo 125 keessaa 69 kan qabu paartiin bulchu yoo ta’u, kanneen hafan irra caalaan isaanii kan paartilee xixiqqaa mootummaa deggeran ykn walaba ta’aniidha.

Dhaabbanni mormituu guddaa ta’e Paartiin Musavat filannoo Dilbata gaggeeffameef kaadhimamaa 34 kan dhiheesse yoo ta’u, isaan keessaa 25 qofatu galmaa’e. Paartiin mormituu biraa Rippabilikaan Alterneetiiv kaadhimamaa 12 dhiyeessee jira.

Akka heera mootummaatti filannoon kun Sadaasa keessa gaggeeffamuu qaba ture, garuu Baakuun marii haala qilleensaa  Mootummoota Gamtoomanii COP29 waan qopheessituuf labsii filannoo kana tarkaanfachiisu baaste.

Komishiniin Filannoo Giddugaleessaa biyyattii dhaabbileen 50 ergama taajjabdootaa gaggeessaa turuu ibseera. Gareen taajjabdoota guddaan, Dhaabbata Nageenyaa fi Tumsa Awurooppaa irraa, madaallii duraa filannoo kanaa Wiixata har’aa ganama  dhiyeessuuf beellama qaba jechuun Aljezeeraan gabaaseera.

Leave a Reply