ONM-ABO Fulbaana 2, 2024
Loltoonni bilxiginnaa kutaalee Oromiyaa cufa keessaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu” maqaa jedhuun ilmaan Oromoo qe’ee fi qabeenya isaanii irraa buqqisuun akkuma itti fufetti jira.
Haaluma kanaan, Godina Baha Wallagga aanaa Diggaatti loltoonni faashistii Abiy Ahimed jiraattota qe’ee fi qabeenya irraa buqqisanii jiru.
Aanicha ganda Madda Jaalalaa jedhamu irraa Hagayya 30, 2024 irraa eegalee loltoonni faashistii PP jiraattota qe’ee fi qabeenya isaanii irraa buqqisuu namoonni itti dhiyeenyaan beekan himan.
Akka namoonni kun jedhanitti, “jiraattonni kun loltoonni sirnichaa “Waraana Bilisummaa Oromoo nyaachiftan” jechuun uummata gandichaa hunda saamaa turuu himuun, hawaasni miidhaa irra ga’e booda jiraachuu dadhabuu fi sodaa loltoota sanaa godhachuun buqqa’uu” ibsaniiru.
Loltoonni sirnichaa yeroo ammaa qe’ee uummata Oromoo onsuu fi lafa isaanii irraa godaansiisuun jiruu gadadoof saaxiluun uummaticha jilbeenfachiisuuf akka hojjechaa jiran yeroo hedduu irra deddeebiin isinii gabaasaa turuun keenya kan yaadatamuudha.


