ONM-ABO Fulbaana 2, 2024
Gareen faashistii PP aantummaa fi aangoo isaaniitti fayyadamuun olaantummaa seeraa kan dhuunfaa isaanii godhachuun aangoo isaaniitti dhimma ba’anii uummata Oromoo harka micciiranii bulchuuf guyyuu tarsimoo badii hawaasatti gadi-buusuun dhiibbaa jabaa taasisaa jiru.
Haaluma kanaanis godina Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo bulchiinsa magaalaa Seertumiitti waraanni faashistii PP Hagayya 31, 2024 uummata hundumaa irraa dirqamaan qarshii 3000 harkaa guuraa kan turanii fi namoota maallaqa gaafataman dhaban ammoo reebicha ulfaataa irratti taasisuun manneen hidhaatti jumlaan guuraa akka turan beekameera.
Murni Bilxiginnaa haala amansiisaa uummachuuf jecha akka waan umuriin bulchiinsa isaanii dheeraa ta’eetti cunqursaa fi gara jabinaan rakkoo uumaa kan jiru miidiyaan gaarummaa lallabaa hojiin dararaa hammeessuun, hawaasa qaala’iinsa jireenyaan waadamaa jiru irraa maallaqa ittiin jiraatan humnaan fuuchaa turan.
Keessumaa Hagayyaa 31, 2024 uummata gabaa magaalaa Seertumii deemanii fi hawaasa daldalaa irraa waan ayyaana ittiin oollu jechuun dirqiin irraa funaanaa turuu fi kanneen kaffaluu didan dukkaana jalaa cufaa turuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.



