• Wed. Nov 25th, 2026

Godina Lixa Shaggar aanaa Dandii magaalaa Gincii keessatti hidhamtoonni hedduun yeroo dheeraaf hidhamanii jiran yaala dhabuun rakkachaa jiraachuun beekame

Sep 2, 2024

ONM-ABO Fulbaana 2, 2024

Waraana Bilisummaa Oromoo deggertu, nyaachistu, maatii isaaniiti fi karaa itti agarsiistuun uummanni Oromoo Oromiyaa maratti murna bilxiginnaan gidiraa hamtuu argaa jira.

Namoota gurguddaa kabajni maluuf kabaja isaanii irraa mulquun salphisuu bira darbee gareen safuu hawaasaa tiksuu fi kabajuu hin beekne bilxiginnaan dantaa siyaasa isaaf jecha har’a qe’ee uummata Oromootti waaroo salphinaa uwwisaa jira.

Gandoota aanichaa kanneen akka Awaash Boolee, Jawwee Burii fi Warqaa Qoree jedhaman keessaa baatii arfan darban irraa kaasuun maqaa WBO’n yakkanii jaarsa, jaartii xinnaa, guddaa osoo hin jenne jumlaan guuranii mana hidhaa magaalaa aanichaa Giinciitti naquu jiraattonni himu.

Akka jiraattonni jedhanitti namoonni jumlaan hidhamanii jiran kunneen namoota nagaa siyaasa irraa walaba ta’anii fi jiruuf jireenya mataa isaanii geggeeffachuun jiraatan ta’uu ibsu.

Erga mana hidhaa galchanii boodas waan gootan amanaa jechuun reebichi fi dararriin halkanii guyyaa irratti adeemsifamaa turuu fi namoonni ollaa waajjira poolisii aanichaa jiraatan iyya isaaniifuu jeeqamaa jiraachuu akka ragaatti himan.

Jalqabuma iyyuu namoonni hidhaman kunneen namoota dhukkuba gosa garaa garaa qabanii fi qonnaan bultoota yoo ta’an, reebicha isaaniitti hammaateen miidhamuu ibsu. 

Namootni mana hidhichaa keessa jiran baay’inni isaanii shantamaa fi isaa ol ta’u kan jedhe jiraataan kun, isaan keessaa namoonni baayinni isaanii soddomaa ol ta’an hedduu dhukkubsachaa jiraachuu hime.

Maatiin hidhamtoota namoota kanneenii yaalchifachuuf gaafatanis deebiin waajjira poolisii sana irraa kennameef isaanuu ni du’uu maal yaalchifattu jechuun of duuba deebisan jedhu.

Namoota mana isaaniitti qoricha fayyadamaa turan erga isaan mana hidhaa galanii qoricha irraa kutuun du’aa fi jireenyaa gidduutti ittiin taphachaa jirus jedhaniiru.

Leave a Reply