• Sun. Aug 30th, 2026

Godina Baha Wallaggaa aanaa Gobbuu Sayyootti waraanni goolessituu PP maraatuu tokko rasaasa itti roobsuun ajjeese

Sep 2, 2024

ONM-ABO Fulbaana 2, 2024

Dhala namaa hundaaf naasuu tokkollee kan hin qabne waraanni faashistii PP goleewwan Oromiyaa cufa keessatti yakkoota gara jabinaa hammeenyaan guutaman garaa garaa raawwachuu itti fufanii jiru.

Haaluma kanaan, godina Baha Wallaggaa aanaa Gobbuu Sayyootti loltoonni sirnichaa maraatuu daandii gubbaa jiraatu tokko ajjeesuun himame.

Aanaa Gobbuu Sayyoo ganda Somboo Gejjoo jedhamu irraa  Hagayya 30, 2024 waraanni faashistii PP nama maqaan isaa adda hin baane kan sammuun tuqamee maraachuun ofiifuu jireenya dukkanaa jiraatu ati Waraana Bilisummaa Oromooti jechuun naasuu tokko malee rasaasa itti roobsuun ajjeesanii reeffa isaa bakkeetti gatanii deemuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyooleessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading