• Fri. Mar 13th, 2026

Waamicha Lagannaa Gabaa fi Uggura Geejjibaa (Qeerroo Bilisummaa Oromoo)

Sep 2, 2024

Uummatni Oromoo warraaqsa Qeerroo fi Qarree kan hawaasa Oromoo gita adda addaa hirmaachise, uummattoota impaayerattii sirna EPRDF TPLFn durfamu irratti kakaaseen TPLF dadhabee Maqaleetti galuu filate geggeessuun injifannoo argatus injifannoon isaa bulgoota TPLF jalatti leenji’aniin butamuun bilisummaan eegamee ture garbummaa biraatti jijjiiramee dhumaatiin qabeenyaa fi lubbuu qe’ee Oromoo keessatti itti fufe.

Duguuggaa sanyii Oromoo irratti waraana murna Bilxiginnaa fi finxaaleyyii Amaaraa dura Bilxiginnaan ijaaramanii fi tumsamaniin labsame Qeerroon Bilisummaa Oromoo taa’ee ilaaluu dadhabuun yeroo garaagaraatti Diddaa Uummata labsaa tureera.

Har’as qe’ee Oromoo irratti ajjeechaa jumlaa, hidhaa, saamicha, gudeeddii, gubaatii fi buqqaatii geggeeffamaa jiru kana dura dhaabbachuun akka barbaachisu Qeerroon Bilisummaa Oromoo murteessee jira.

Yeroon kun yeroo qe’een Oromoo meeshaalee waraanaa gurguddaa Zu-23, moortaraa, taankii fi dirooniin tumamaa jiruu fi miidhaan lubbuu namootaa fi qabeenyaa waraana weerartuu Bilxiginnaan Oromiyaa keessatti galma’aa jiruu dha.

Kanaafuu, impaayera ilmaan Oromoo mirgaan jiraachuu dhabuun maqaa ilaalcha siyaasaan qe’een isaanii itti golgolaa’ee fi lubbuun isaanii itti duguugamaa jirtu kana keessatti Diddaa Uummataa jabeessuun filannoo sirrii akka ta’e QBO itti amannee jira.

Murna hulaa mara cufee, lafa irraan lolaan qe’ee Oromoo gubu, miidiyaan maqaa maree araaraan ololu, gama biraan ammoo ofii nagaa hawaasaa mulqee hawaasni nagaa gaafate jedhee akka waan nagaa hawaasni qaama biraa irraa eegutti bu’aa siyaasaaf tattafatu kana irratti uummatni keenya tokkummaan Diddaa jabeessuun mirga isaa deebifachuun furmaata ta’uu hubachuun Labsii Uggura Gabaa fi Geejjibaa baasnee jirra.

Labsiin Lagannaa Gabaa fi Uggura Geejjibaa kun Akka Lakkoofsa Impaayera Itoophiyaatti Jimaata Qaammee 1 irraa ka’ee hanga xumura Irreecha Harsadeetti bara 2017tti kan itti fufu ta’a. Kana jechuun akka lakkoofsa Awurooppaatti Jimaata Fulbaana 6, 2024 irraa hanga xumura Ayyaana Irreecha Harsadeetti kan turu ta’a.  (Irreechaaf eeyyamni addaan kenname qajeelfama gaditti keessatti ibsamee jira).

Kanuma bu’uura godhachuun Qeerroon Bilisummaa Oromoo qabsoo uummatni Oromoo badiisa irraa of bararuuf taasisaa jiruu fi duula duguuggaa sanyii irratti aggamame fashaleessuuf geggeessaa jiru cinaa dhaabbachuun ga’ee fi birmanna keenya baratamaa taasisuuf Diddaa Uummataa waamame  kanatti dammaqiinaan hirmaachuun murteessaadha.

Waamichi Lagannaa Gabaa fi Uggura Geejjibaa kun Oromiyaa keessatti ilmaan Oromoo qofaan osoo hin taane sabootni hiree wal fakkaatoo qabnu, sirna bilxiginnaan hacuuccaa jala jirtanii fi murni bilxiginnaa uummata impaayerattiif hin ta’u jettan akka itti hirmaattan waamicha dabarsina. 

1. Labsan kanaan: 

  • Daandiin Oromiyaa keessa cufaadha.
  • Daandiin Finfinneetti geessu cufaadha.
  • Naannoolee ollaa Oromiyaa waliin wal quunnamsiisu (Gambeela, Asoosaa, Sidaamaa, Uummattoota Kibbaa, Amaaraa, Soomaalee, Affaar) cufaa dha.
  • Daandiin Mooyaalee Keeniyaa geessu cufaa dha.
  • Sochiin konkolaataa, doqdoqqee fi baajaajii dhorkaa dha.
  • Hojiin mootummaa hin jiru.
  • Baankiin cufaa dha.
  • Gabaan hin jiraatu.
  • Dukkaanni (shop) cufaa dha.
  • Hoteelotni cufaa dha.
  • Mallattoo diddaa adda addaa fayyadamuu (harka wal qaxxaamursuu, qabsoon itti fufuu agarsiisuu fi huccuu gurraacha uffachuu)

👉 Keessaayuu dhiyeessiin kudura, muduraa, loon, re’ee, hoolaa, albuuda, midhaanii fi wantootni gara Finfinneetti fe’aman guyyoota ugguraa kanaatti tasuma kan hin hayyamamne ta’a.

2. Wantootni hayyama qaban:

  • Namoota Ayyaana Irreecha Kabajuuf konkolaataan socho’aan (torbee Irreechaa konkolaataan deddeebisaan uummataa imaltoota Ayyaana Irreecha kabajuuf socho’an geejjibsuuf banaadha. Garuu waan eeyyamameen ala sochiin konkolaataa dhorkaa dha.)
  • Ambulaansii dhukkubsataa fi deessuu geejjibsan (Kan waraana hin feenee fi hojii ramadamaniif qofa tajaajilan)
  • Gaazexeessitoota biyya keessaa fi alaa Diddaa Uummataa kana gabaasuuf socho’an yoo jiraatan
  • Waamichi Lagannaa Gabaa fi Uggurri Geejjibaa kun hawaasa Oromoo hunda bifa hirmaachiseen akka geggeeffamu yeroo dhaamnu, konkolaachistootni fi abbootiin qabeenyaa faayidaa yerootiif qajeelfama cabsitan irraa of qusadhaa jenna.

Qeerroon Bilisummaa Oromoo naamusa qabsoon Diddaa Uummataa qabaachuu qabduun masakamtanii diddaa sirnicha qofa irratti cimsitanii akka finiinsitan koreen QBO dhaammanna.

Uummatni keenya callisuutti xumura gochuu qaba. Callisuun, maal na dhibdee fi nama biroo eeggachuun ni ga’a. Dhiigni Oromoo kana irra akka hin dhangalaane, lafeen akka hin cabne, lubbuun namootaa kuma dhibbootaan akka hin bannee fi kuma dhibbootaan akka hidhaatti hin guuramneef har’a kaanee falmachuu qabna. 

Diddaa uummataa kanaaf uummatni keenya dursee akka itti qophaa’uu fi daandii irra kan jiru gara mana isaatti akka galu gadi jabeessinee dhaammanna.

Garboomsaan bilisummaa tolaan kennu waan hin jirreef Diddaa Uummata jabeessuun dirqama Oromummaati❗

Injifannoon Uummata Oromoof!

Qeerroo Bilisummaa Oromoo 

Fulbaana 2, 2024

Finfinnee, Oromiyaa

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading