• Thu. Nov 26th, 2026

“Itiyoophiyaan lafa tiyya qabatteetti amma ammoo lafa biraa qabachuuf abjotaa jirti jechuun Pireezidaantiin Somaliyaa Hassan Sheikh Mohaammud dubbii dhaaddannoo dhageessise

Sep 3, 2024

ONM-ABO Fulbaana 3, 2024

Miilana Somaaliyaa fi Misir wal-ta’anii Itiyoophiyaa irratti duluuf waan kaayyeeffatan fakkaatu. Pireezidaantii Somaaliyaa Hasaan Sheek Mohaammad, yaaliin Itoophiyaan lafa tiyya fudhachuuf abjoottu ofirraa qolachuuf qophiidha jechuun dhaadachaa jiru.

Itiyoophiyaan lafa kiyya saamtee jirti kan jedhan Pireezidaant Hasan, Birmadummaa Somaaliyaa eegsisuuf mala kamuu fayyadamuu ni dandeenya jedhaniiru. 

Misiri fi Somaaliyaan wal-ta’uun Itiyoophiyaatti dulaa jiru. 

Dhimmi biyyoota kanneenii yeroo ammaa kana Gaanfa Afrikaa yaaddoo keessa galchuun bowwuu mataa itti ta’ee itti fufaa jiraachuutu himame.

Jibuutiin rakkoo kana furuun buufata galaanaa Taajuuraa guutuu guutuutti bulchiinsa isaa Itiyoophiyaaf kenna jechuun kara Ministeeraa Dhimma Alaa ishee dubbattus dubbiin bubbulee dhufe kun, ministeerichi Dura taa’ummaa Koomishinii Gamtaa Afrikaaf dorgomaa waan jiraniif sagalee Itoophiyaa bitachuun Mr. Raayilaa Odiingaa Keeniyaa morkachuuf akka ta’e kan shakkan hedduu dha.

Leave a Reply