ONM-ABO Fulbaana 3, 2024
Kibxata har’aa baha Chaayinaa keessatti konkolaataan mana barumsaa mootummaa mana barumsaa tokkoon alatti daa’imman hedduu rukutee yoo xiqqaate namoonni 11 du’uu ykn madaa’uu miidiyaaleen mootummaa aanga’oota naannoo wabeeffachuun gabaasan.
Dhaabbanni oduu mootummaa Shiinuwaan akka jedhetti barattoonni kun seensa mana barumsaa giddu galeessaa magaalaa Taayi’an bulchiinsa Shaandong keessatti argamuun ala dhaabbatanii osoo jiranii taatee kun sa’aatii 7 a.m. (23:00 GMT) irratti mudate.
Suuraaleen miidiyaa hawaasaa irratti argaman ga’eessonni uffata dhiigaan jiidhe uffachuun daa’imman irratti jilbeenfatanii konkolaataa guddaa halluu diimaa qabu cinatti ciisanii agarsiisan.
AFP’n battalumatti of danda’ee dhugaa ta’uu suuraawwan kanaa mirkaneessuu kan hin dandeenye yoo ta’u, boodarra tokko tokko kan haqame fakkaata.
Chaayinaa keessatti manneen barnootaa mootummaa hedduun torbee kana bara barnootaa haaraaf banamaniiru.
Biyyattitti balaan tiraafikaa lubbuu namaa galaafatu yeroo baayyee kan mudatu ulaagaan nageenyaa laafaa ta’uu fi konkolaachisaan tartiiba dhabuu bal’inaan mul’ateera.
Ji’a Adoolessaa keessa poolisiin akka jedhetti magaalaa giddu galeessaa Chaangshaatti konkolaataan tokko namoota miilaan deeman irratti kufee namoonni saddeet du’uu fi shan madaa’uu ibseera jechuun Al Arabiyaan gabaaseera.

