ONM-ABO Fulbaana 4, 2024
Impaayerri jiguu geesse karaa keessoo fi alaan dhiibbaan yeroo ammaa garmalee yaaddessuun rakkoo hammaataa keessa kan jirtu yoo taatu, mootummaa gabroomfataan PP, biyyoota ollaa irraa rakkoon cimaan isa mudataa jira.
Haaluma kanaan, mootummaan Eertiraa yeroo muraasa hanga Fulbaana 30, 2024 qofa Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa balalii xiyyaaraa isaa gara isheetti akka balaliistu himuun sana booda immoo dhorkuuf hoggaa dubbatte irratti hundaa’uun daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa ibsa guyyaa dheengaddaa baaseen guyyaa kaleessaa jechuun Fulbaana 3, 2024 irraa eegalee Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa rakkoo hojmaata isa mudateen balalii dhaabuu isaa beeksisee jira.
Mootummaan Eertiraa immoo ibsa Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa baase sababeeffachuun Daandiin Qilleensa Itiyoophiyaa maallaqa isaa kan biyya Eertiraa magaalaa Asmaraadhaa qabu akka hin baafanne dhorkuu beeksistee jirti.
Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa immoo, gamasaan sababa qarshiin isaa jalaa uggurameef imala gara Eertiraatti taasisu dhaabee jiraachuu ibsa laatee jira.
Daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa yeroo darbes gama Daandii Qilleensaa Soomaaliyaan ana irra hin qaxxaamurtu jechuun akeekkachiisni kan kennameefii ture yoo ta’u, dhimma siyaasaa biroonis wal garreeffannaan hammaataa jiraachuun ni beekama.




