ONM-ABO Fulbaana 4 ,2024
Pirezidaantiin Mokigweetsi Erik Masisii Kibxata kaleessaa Botiswanaan filannoo waliigalaa Onkoloolessa 30 akka gaggeessitu beeksisaniiru.
Masisiin haasaa taasisaniin akka jedhanitti, paarlaamaan 12ffaan Fulbaana 5 kan diigamu yoo ta’u, kaadhimamaa pirezidaantummaaf ammoo Fulbaana 28 Mana Murtii Ol’aanaa magaalaa guddoo Gaborone keessatti kan itti aanu ta’aa jedhan.
Kaadhimamaan paarlaamaa fi manni maree lamaanuu Onkoloolessa 4, 2024 ni dhihaatu.
Filannoon waliigalaa kun Roobii, Onkoloolessa 30. 2024 ni gaggeeffama.
Hirmaannaa filattotaa Onkoloolessa 30 fi Onkoloolessa 31 lamaan isaanii iyyuu labsuu kootti gammadeera” akka ayyaana ummataatti,” jedhan Masisiin.
Lammiileen Botiswaanaa carraa kana akka fudhatanii fi baay’inaan akka sagalee kennan dhaamaniiru.
“Dimokiraasii, nagaa fi misoomaaf kutannoo cimaa qabnu agarsiisuu keessatti tokko haa taanu; jechuun Masisiin kan Paartii Dimookiraatawaa Bootiswaanaatiin kaadhimamaa ta’uun dorgomu dubbachuu France 24 gabaaseera.



