• Sat. Jan 10th, 2026

Godina Lixa Shaggar aanaa Meettaa Walqixxeetti maqaa “hidhata WBO qabdu” jedhuun hidhaan hawaasa nagaa irratti raawwatamu cimee itti fufe

Sep 5, 2024

ONM-ABO Fulbaana 4, 2024

Murni bilxiginnaa WBO lolaan injifachuu yeroo dadhabu, hawaasa nagaa waraanummaan maal akka ta’e hin beekne akka qaama waraanaatti fudhachuun sabboontota ilmaan Oromoo sababa quubsaa tokko malee golee Oromiyaa keessaa fi alatti adamsuun hidhuu jabeessanii jiru.

Haaluma kanaan, Godina Lixa Shaggar aanaa Meettaa Wal Qixxee keessatti maqaa WBO waliin hidhata qabdu jedhuun waraana Bilxiginnaan hidhaa fi dararaan jiraattota irratti raawwatamu jabaatee jiraachuun himame.  

Aanaa Meettaa Wal-qixxee ganda Meexxii Haroo jedhamu irraa ji’oota darban keessa namoota maqaan isaanii:                    

  1. Tasfaayee Fayisaa,
  2.  Wayyaa Hirkoo,
  3.  Maatoo Bojaa,
  4.  Ambasaa Diidhaa,
  5.  Hata’uu Naggasaa fi kanneen biroo hedduu ta’an hidhata WBO qabdu jechuun gaaffii seeraa tokko malee aanichatti hidhanii dararaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading