• Fri. Mar 13th, 2026

Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo Tarkaanfii Boonsaa Lixa Shaggar Aanaa Jibaat Keessatti Fudhachaa Jiruun Injifannoo Boonsaa Galmeesse

Sep 5, 2024

ONM-ABO Fulbaana 4, 2024

Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBO’n tarkaanfii laalessaa waraana faashistii PP irratti fudhatu jabeessuun Lixa Shaggar keessatti injifannoo boonsaa galmeessaa jira.

Haaluma kanaan gabaasa sababa neetwoorkiif bubbulee nu qaqqabeen Adoolessa 23, 2024 WBO’n Zoonii Giddu Galeessaa Cibraan Jibaat godina Lixa Shaggar aanaa Jibaat bakka Boolloo jedhamtutti waraana faashistii PP magaalaa Shanan irraa baatee mana Obbo Fayyeeraa gubuun qabeenya uummataa saamtee deemaa turte irratti tarkaafii fudhateen 7 ajjeesee 3 madoon adabee jira.

Hagayya 21, 2024  Cibraadhumti Jibaat aanaa Jibaat bakka Filoo jedhamtutti waraana murna Bilxiginnaa finxaaleeyyii Amaaraa Faannoo waliin uummata saamaa turan irratti tarkaanfii fudhateen 8 ajjeesuun 4 madeessee qawwee AKM 1  irraa hiikee jira.

Tarkaanfii waraana faashistii PP irratti fudhatu WBO’n itti fufuun  Hagayya 29, 2024 WBO’n Cibraa Jibaat  aanaa Noonnoo bakka Nacooree jedhamtutti waraana Bilxiginnaa 3 ajjeesuun 5 madeessee jira. Tarkaanfii kanaanis hoogganaa waraanaa Saajin Raffisaa jedhamu du’aan adabee jira.

Dheengadda Fulbaana 2, 2024  lola waraanni Cibraa Jibaat Lixa Shaggar aanaa Jibaat bakka Gaattiraa jedhamtutti tarkaanfii waraana faashistii PP irratti fudhateen 4 ajjeesee 2 madeessee jira.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading