• Sun. Aug 30th, 2026

Pirezidaantiin Masrii walitti dhufeenya isaanii sirreessuuf imala taasaniin Turkii seenan

Sep 6, 2024

ONM-ABO Fulbaana 5, 2024

Pirezidaantiin Turkii Resiip Taayip Erdogaan roobii kaleessaa hogganaa Masrii Abdel Fattah al-Sisi waliin walitti dhufeenya isaanii cimsuuf Ankaaraa yeroo seenan nagaa gaafatan.

Namoonni lamaan kun yeroo al-Sisiin xiyyaara isaa irraa bu’u magaalaa guddoo Turkii keessatti harka wal fuudhuu isaanii suuraan pirezidaantiin Turkii gadhiise ni mul’isa.

Hariiroon waggoota kurnan lamaan darbaniif qabbanaa’aa erga turee booda, hoggantoonni lamaan ji’a Guraandhala keessa yeroo Ergodaan Kaayiroo daawwatetti hariiroo walii galtee haaraa uumuus dubbataniiru.

Bara 2013’tti Ankaaraa fi Kaayiroon erga al-Sisiin ministeera ittisaa yeroo sanaa, pirezidaantii Muhaammad Mursii, michuu Turkii fi qaama sochii Ikiwaanal Muslim ta’e aangoo irraa kaasanii booda walitti dhufeenya isaanii addaan kutan.

Hariiroon namoota lamaan gidduu jiru waggoota lamaan darban keessa ho’aa dhufeera, fedhiin isaanii dhimmoota hedduu irratti kan walsimu yoo ta’u, waraana Israa’el fi Hamaas Gaazaa keessatti raawwatame dabalateeti.

Waggoota kurnan lamaan darbaniif daldalli biyyoota lamaan gidduu jiru gonkumaa hin dhaabbanne.

Turkiin michuu daldalaa Masrii 5ffaa yoo taatu, Masriin ammoo Afrikaa keessatti Turkii ishee guddittiidha jechuun Anaadooluun gabaaseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading