ONM-ABO Fulbaana 7, 2024
Murni bilxiginnaa impaayerattii of harkaa qabna haa jedhan malee afaaniin, tarsiimoo ittiin biyya bulchan kan hin beekne yoo ta’u, waanti isaan beekan yoo jiraates hidhuu, saamuu, manneen qonnaan bultootaa gubuu fi ajjeesuu akka ta’e ni beekama.
Irree isaanii qofatti amanuun uummataa fi impaayerattii balaa guddaa irra buusaa kan jiran yoo ta’u, guyyaa irraa gara guyyaatti dinagdeen impaayerattii kufuun saamicha raawwachaa jiraniin uummanni loltoota isaaniin Oromiyaa keessatti dararaa ulfaataa keessummeessaa jira.
Fulbaana 4, 2024 godina Arsii Bahaa aanaa Martii ganda Wataroo Diinoo jedhamuun beekamu keessatti abbaa maatii shanii kan ta’e Obbo Idirisoo Huseen Godaanaa kan jedhamu ganama barraaqaan mana isaa keessaa gadi baasuun rasaasa itti roobsanii ajjeesuu jiraattonni dubbatu.
Ganduma kana keessatti maanguddoo ganna torbaatamaa ammaaf maqaan isaa nu hin geenye tokkos re’oota 23 jalaa fudhachuun mana isaa qullaatti hambisanii deemuu itti dabaluun ibsaniiru.
Hanga gabaasni kun qindaa’etti namoonni guyyaa sana gandoota kanneen keessaa qabeenyi isaanii jalaa saamame hedduu ta’uu fi namoonni danuunis qe’ee isaanii irraa godaananii akka jiran barameera.

