• Sun. Jan 11th, 2026

Godina Baha Wallaggaa aanaa Guutoo Giddaatti loltoonni faashistii PP hawaasa nagaa reebuu fi saamuu itti fufan 

Sep 7, 2024

ONM-ABO Fulbaana 7, 2024

Lukkeelee fi ergamtoonni Bilxiginnaa addatti uummata Oromoo dararuuf godinaalee Oromiyaa adda addaa irratti ajaja Koloneel Abiy Ahimediin bobbaafaman dararaa hamaa uummata Oromoo irratti raawwachaa jiraachuu itti fufanii jiru.

Haaluma kanaan, loltoonni kun badii tokko malee jiraattota godina Baha Wallaggaa aanaa Guutoo Giddaa reebuu fi saamuu cimsanii itti fufuun beekamee jira.

Loltoonni impaayerattii ganda Jireenyaa jedhamu irraa Fulbaana 5, 2024 galgalaan itti dhaquun dargaggoo maqaan isaa Abbushaa Kifilee jedhamu badii tokko malee reebicha ulfaataa qaama isaa miidhu irratti raawwachuu isaanii namoonni itti dhiyeenyaan beekan ni dubbatu.

Kana malees, loltoonni kun dargaggoo kana doorsisuun qarshii 5,000 irraa fudhachuu namoonni kun itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf himanii jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading