ONM-ABO Fulbaana 6, 2024
Oromiyaa keessatti bara murna bilxiginnaa keessa namuu nagaan ba’ee nagaan galuun ulfaatee yeroo jirutti, hidhattootni sirnichaa namoota nagaa daldala dhuunfaa isaanii irratti bobba’uun ofii fi maatii isaanii jiraachisan maqaa isaan hin qabnee fi hin beekneen yakkanii ajjeesuu fi madeesuu hammeessanii jiru.
Godina Buunnoo Beddellee aanaa Daaboo Haannaatti dargaggoonni madoo fi reebichi hamaan irra ga’e yaala tokko malee mana hidhaa keessa jiraachuun ifoomeera.
Aanaa Daaboo Haannaa keessatti miidhaan gama loltoota sirnichaan uummata irra ga’u haala duraan barameen olitti hammaatee kan jiru yoo ta’u, torban lamaan darbe keessa bakka addaa 77 jedhamutti dargaggoo ammaaf maqaan isaa adda hin baane tokko konkolaachisaa doqdoqqee kan ta’e doqdoqqee irratti rasaasa itti roobsanii madeessuun hanga guyyaa har’aatti madoo ulfaataan yaala tokko osoo hin argatin waajjira poolisii aanichaatti hidhamee dararamaa jiraachuu namoonni itti dhiyeenyaan beekan ni dubbatu.
Kana malees, maddeen itti dabaluun akka himanitti, nageenya dargaggoo kanaaf yaadda’uun maqaa isaa himuu kan hin barbaanne ta’uu ibsuun, isa immoo mana hidhaa waajjira poolisii aanaa Daaboo Haannaa keessaa gadi baasanii reebicha hamaa ta’e irraan gahanii mana hidhaatti ol deebisuun yaala tokko malee dararaa jiraachuu dubbatu.
Baay’ina hidhamtootaa irraa kan ka’e, waajjirri poolisii aanichaa wal ga’uu dadhabnaan mana hawaasaa kireessuun namoota nagaa hidhanii itti dararaa jiraachuunis himameera.

