ONM-ABO Fulbaana 6, 2024
Impaayerri gama maraan kufaatiin ishee mirkanaa’e ergamtoota isheef illee sababa kufaatii dinagdeef jecha miindaan kaffalamu rakkoo baajataa irraa kan ka’e waan hin jirreef, caasaa sadarkaa olii hanga gadiitti ajaja waliif kennuun loltoota fi kaabinoota sirnichaa uummatatti bobbaasuun saamichaa daangaa hin qabne ilmaan Oromoo irratti raawwachaa jiru.
Akkaataa kanaan, godina Horro Guduruu Wallaggaa aanaa Jimmaa Gannatiitti ergamtoonni bilxiginnaa maqaa “miseensummaa” jedhuun hawaasa nagaa saamuu itti fufanii jiru.
Ganda Biqiltuu Qidaamee jedhamu keessatti wayita ammaa waraanni sirnichaa milishaa fi riphee lolaa jedhamuun beekaman hawaasa daldalachuuf guyyaa roobii fi sanbata duraa gara bakka gabaa gandicha keessatti argamu “Gabaa Qidaamee” jedhamuun beekamu deeman maqaa “miseensummaa” jedhuun kaffaltii naga’ee hin qabne nama tokko irraa qarshii shantama shantama guuraa jiraachuu jiraattonni nuti dubbisne Arraata Biyyooleessa Oromiyaatti himaniiru.
Maddeen itti dabaluun akka jedhanitti, namni qarshii 50 hin kaffalle gabaa deemee daldalachuu kan hin dandeenyee fi “miseensa WBO’ti” jedhamuun kan tumamuu fi hidhamu yoo ta’u, sababa kanaan yeroo ammaa kana hawaasni dararaa hamaa argaa jiraachuus dubbataniiru.


