ONM-ABO Fulbaana 7, 2024
Giddugaleessa Keeniyaa keessatti ibiddi halkan tokkotti dormii mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa keessaa ka’een yoo xiqqaate daa’imman xixiqqoo 17 du’aniiru.
Ibiddi akkaadaamii Hiil saayid Endarasha Niyeri Kaawoontii keessatti ka’ee balaa qaqqabsiise naannoo halkan walakkaatti kan ka’e ta’uu poolisiin beeksisuun, balaan kun kutaalee daa’imman 150 ol keessa rafan uwwiseera.
Poolisiin akka jedhetti umriin barattoota miidhamanii giddu galeessaan naannoo waggaa sagaliiti.
Dubbi himtuun poolisii biyyaalessaa Resila Oniyango AFP’tti akka himanitti, ”Taatee kanaan lubbuun namoota 17 darbeera, kanneen biroos miidhaan cimaan irra ga’ee gara hospitaalaatti geeffamanis jiru.
Sababni ibiddaa kanaa hanga ammaatti hin beekamne.
Garuu Komishiniin Koorniyaa fi Walqixxummaa Biyyaalessaa Keeniyaa gabaasawwan jalqabaa akka agarsiisanitti, doormiin ”garmalee namaan guutame, ulaagaa nageenyaa kan cabse” ta’uu ibsuun qorannoon hatattamaa akka gaggeeffamu gaafateera.
Pirezidaantiin Wiiliyaam Ruutoo yeroo ammaa walgahii Chaayinaa fi Afrikaa irratti Beejiing kan jiran yoo ta’u, barreeffama X irratti maxxansaniin gadda itti dhaga’ame ibsaniiru.
“Yaadni keenya maatii daa’imman balaa ibiddaatiin lubbuu isaanii dhaban waliin jira,” jedhan.
Ruutoon qondaaltonni ”taatee suukaneessaa kana gadi fageenyaan akka qoratan” qajeelfama kennaniiru, akkasumas namoonni itti gaafatamummaa fudhatan ”akka gaafataman” waadaa galaniiru .








