ONM-ABO Fulbaana 6, 2024
Waxabajjii 11, yeroo prezidaantiin Yukireen Volodimiir Zeleniskii torban tokkoof dippilomaasii cimaa warra dhihaa waliin konfiraansii Barliin keessatti gaggeeffame irratti gargaarsa gaafachaa turanitti, Ministirri Dhimma Alaa Turkii Hakan Fidan bahaatti argamuun, pirezidaantii Raashiyaa Vilaadmir Putin waliin Moskootti mari’achaa turan .
Walgahiin Kiremlin ”haala ajaa’ibaa ta’een” akka deeme Fidaan miidiyaalee mootummaa Turkiif himaniiru.
Miidiyaaleen Turkii hogganaa Raashiyaa kana wabeeffachuun akka jedhanitti, “Turkiin hojii BRICS irratti fedhii qabdu ni simannaa;“ jedhan.
Paartiin Haqaa fi Misooma Pirezidaantii Turkii Resiip Tayip Erdogan Turkiin garee dinagdee guddachaa jiran BRICS keessatti akka makamuuf iyyachuu ishee sirnaan mirkaneesse.
Dubbi himaan paartii Omer silik Kibxata darbe Ankaaraatti gaazexeessitootatti akka himanitti, “Pireezidaantiin keenya miseensa BRICS ta’uu akka barbaannu yeroo dachaa ibsaniiru.
“Dhimma kana irratti gaaffiin keenya ifaadha, adeemsi isaas bu’uura kana keessatti adeemaa jira”jedhaniiru.
Turkiin BRICS keessaatti kaadhimamuun ishee miseensi NATO fi kaadhimamaa miseensummaa Gamtaa Awurooppaa garee Raashiyaa fi Chaayinaan ol’aantummaa qabu kan sirna addunyaa biyyoota dhihaatiin durfamu akka faallaa ta’etti of ilaalutti makamuuf yeroo jalqabaaf iyyachuu isheeti.
Turkii malees biyyoonni gara 20 ta’an miseensummaaf iyyataniiru, kunis gareen kun hojimaata babal’ina akka diriirsu dirqisiiseera.
Sararri dorgomtootaa miseensota BRIC jalqabaa keessattis qoqqoodinsa kan uume yoo ta’u, Raashiyaa fi Chaayinaan babal’ina jajjabeessu, Biraazil fi Hindiin ammoo miseensota dabaluu irraa caalaatti of eeggannoo guddaa qabu.
Gama biraatiin miseensummaa Baankii Misooma Haaraa kan bara 2015 akka filannoo Baankii Addunyaa fi IMFtti hundeeffames guddachaa jira jechuun France 24 gabaaseera.















