• Wed. Jan 7th, 2026

Ajjeechaan loltoota faashistii PP’n hawaasa nagaa irratti raawwatamu godina Baha Shaggar aanaa Dugdaatti akkaan jabaatee itti fufe

Sep 8, 2024

ONM-ABO Fulbaana 8, 2024

Dhiiga ilmaan Oromoo dhangalaasuun araada kan itti ta’e loltoonni faashistii PP, goleewwan Oromiyaa bakkoota adda addaatti guyyaa gara guyyaatti uummata nagaa irratti duguuggaa sanyii raawwachuu jabeessanii itti fufanii jiru.

Haaluma kanaan, godina Baha Shaggar aanaa Dugdaa gandoota adda addaa keessatti ajjeechaan uummata nagaa irratti waraana nama nyaataa PP’n raawwatamu jabaatee jiraachuu jiraattonni himan.

Ganda Qilxuu Bilbilaa jedhamu irraa Hagayya 30, 2024 dargaggoota maqaan isaanii:

  1. Bariisoo Garuu,
  2. Roobaa Sorsuu fi
  3. Gammadaa Zaruu jedhaman “dhimma dhuunfaa” isaaniif ganda ollaa isaanii ganda Suutii jedhamu yeroo deemanitti badii tokko malee milishaan maqaan isaa Dabbabaa Tsaggaayee jedhamu dargaggoota kana badii tokko malee sadan isaanii rasaasa shan shan itti roobsuun haala suukkanneessaa ta’een ajjeesee jiraachuu maddeen ONM’f eeraniiru.

Aanuma kana ganda “Seeraa Wakkallee” jedhamu irraa Fulbaana 2, 2024 waraanni Bilxiginnaa nama maqaan isaa “Dhugaa Fayisaa” jedhamuu fi namoota sadii kan maqaan isaanii adda hin baane ajjeesuun daandii gubbaatti gatanii jiraachuun himameera.

Dabalataan, ganda Hafaa Qamalee jedhamu irraa Fulbaana 5, 2024 namoota maqaan isaanii:

Fachoo Waarii maanguddoo ganna 80, Daggafaa Odaa manguddoo ganna 50, Tiksee Foollee maanguddoo ganna 57 kan ta’an waraanni bilxiginnaa mana barumsaa Hafaa Qamalee irraa ka’uun halkan sa’atii 4:00’tti bakka isaan ciisaa jiranitti Bireeniidhaan rasaasa itti roobsuun yoo ajjeesan, namoota lakkofsaan torba ta’an ammoo madeessanii jiraachuu maddeen keenya itti dabaluun eeranii jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading