ONM-ABO Fulbaana 7, 2024
Haleellaa Israa’el mana barumsaa baqattootaa fi gamoo mana jireenyaa Gaazaa irratti raawwateen yoo xiqqaate lammiileen Falasxiin 13 ajjeefamanii 15 madaa’uu dhaabbati oduu Abbaa Taayitaa Falasxiin WAFA’n Sanbata ganama gabaaseera.
Namoota du’an keessaa yoo xiqqaate saddeet dunkaana baqattootaa mana barumsaa Haliimaa al-Sa’idiyyaa kaaba Gaazaa Jabaliyaatti argamu keessa akka turan WAFA’n beeksiseera.
Waraanni Israa’el ibsa kenneen “shororkeessitoota wiirtuu ajajaa fi to’annoo Hamaas keessa socho’an irratti haleellaa sirrii raawwachuu isaa ibseera.
Taatee adda ta’een, Israa’el gamoo mana jireenyaa mooraa Nuseyirat giddugala Gaazaa keessatti argamu irratti haleellaa raawwateen lammiileen Falasxiin shan ajjeefamaniiru.
Waldhabdee Israa’el fi Falasxiin waggoota kurnan lamaan darbaniif ture keessatti dhiigni dhangala’uun kun kan ka’e bara darbe Onkoloolessa 7 yeroo hidhattoonni Hamaas durfaman Israa’el weeraruun namoota 1,200 ajjeesuu fi gara 250 booji’uu isaanii lakkoofsi Israa’el ni mul’isa.
Haleellaan booda Israa’el naannoo Hamaas bulchu irratti raawwatteen, ergasii lammiilee Falasxiinota 40,800 ol ajjeesuu ishee ministeerri fayyaa biyya keessaa ibseera. Ummatni miliyoona 2.3tti dhiyaatu buqqa’uun rakkoo beela kan uume yoo ta’u, himannaa duguuggaa sanyii Mana Murtii Addunyaatti irratti dhiyaatus Israa’el haalteetti .
Akka Mootummoota Gamtoomanitti, yoo xiqqaate namoonni miliyoona 1.9 ta’an guutuu Gaazaa keessaa buqqa’anii kan jiran yoo ta’u, gariin isaanii yeroo 10 ol buqqa’aniiru jechuun Al Arabiyaan gabaaseera.





