• Sat. Mar 14th, 2026

Milishoonni PP godina Baha Shaggar aanaa Dugdaa keessatti hawaasa nagaa irratti saamicha raawwatan hammeessuu jirattootni himatu

Sep 8, 2024

ONM-ABO Fulbaana 8, 2024

Nageenya uummataa eeguu mitii ofuu kan hin eegne waraanni Bilxiginnaa saamichaaf jecha maqaa adda addaan meeshaa hidhachuun uummata harka qullaatti hambisaa jiru.

Murni bilxiginnaa teessuma aangoo isaaf jecha kashalabboota qonnaa hin jaallannee hawaasa keessaa funaanuun qawwee itti hidhee uummata keessa bobbaasuun har’a rakkoo hamaa uumuun hawaasa harka duwwaatti hambisaa jiru.

Haaluma kanaan Baha Shaggar aanaa Dugdaa magaalaa Maqii keessatti Fulbaana 6, 2024 daandii magaalaa bahee gandoota baadiyyaa geessu irratti milishoonni sirnichaa sakkattaa fakkeessuun uummata saamaa turuun beekamee jira.

Baay’inaan naannoo Baqqalee Girrisaa irratti milishoonni maqaan isaanii Shimallis Nugusee fi Masfiin Fiqaaduu, Misgaanuu Saxaroo, Taaddee fi Solomoon Barwaaq jedhaman saamicha geggeessaa jiraachuun  barameera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading