• Wed. Nov 25th, 2026

Godina Walloo magaalaa Kamisee keessaa loltoota murna bilxiginnaan daldalaan tokko achi buutee yoo dhabamsiifamu, aanaa Baatee keessatti ammoo hidhaan raawwatame

Sep 9, 2024

ONM-ABO Fulbaana 8, 2024

Murnoota bilxiginnaa biratti ilmaan Oromoo deggaraa paartii badhaadhinaa hin taanee fi gochoota dabaa murni cubbamaan kun uummata nagaa irratti raawwatee raawwachiisaa oolu kanneen morman akka bineensa bosonaatti ergamtoota maafiyaa PP’n adamfamuun hidhamuu, saamamuu, ukkaamfamuun achi buutee dhabamsiifamaa, manneen hidhaa keessatti gidiraa hamtuu arguu, akkasumas; manni irratti gubachuu fi ajjeefamuun gidiraa hadha’aa argaa jiru.

Bifuma kanaanis Kaaba Oromiyaa godina Walloo magaalaa Kamisee keessatti Hagayya 29, 2024 waraanni fi milishoonni Bilxiginnaa magaalicha keessa buufatanii jiran dargaggoo maqaan isaa Mahaammad Siraaj jedhamu itti bilbiluun dhimmaaf qaamota nageenyaan barbaadamta, kanaaf dafii iddoo nuti siin jennetti argami, yoo hin argamtu ta’e ammoo tarkaanfii lubbuu si irratti fudhanna ittiin jechuun sodaachisanii yaamuu fi innis lubbuu isaa oolfachuuf jecha yeroo bira deemu, erga achi ga’ee ukkaamfamuun du’aa fi jireenya isaa dhabneerra, du’aa isaas hin dhageenye,  isallee hin argine jechuun maatiin gaddaa fi boo’icha hamaa keessatti argamu.

Akka jiraattotni magaalichaa jedhanitti Mahaammad dhalataa ganda Qabballee yoo ta’u, innis ofii fi maatii isaa jireessuuf jecha magaalaa Kamiseetti galuun meeshaalee akka uffannaa, kophee fi kkf daldaluun kan jiraatu ta’uu dabaluun ibsaniiru. 

Oduu hidhaatiin ammoo godinichuma aanaa Baatee ganda Xirgiyaa keessaa baatii darbe Hagayya 26, 2024 nama maqaan isaa Mahaammad Hasan jedhamu hidhattootni Bilxiginnaa qabuun kan hidhanii fi innis badii dalagee osoo hin taane maqaa ilma keetu miseensa WBO’ti hanga isa galchitutti hin baatu ittiin jechuun doorsisaa akka jiran jiraattotni aanaa Baatee ONM”tti himaniiru.

Leave a Reply