• Wed. Nov 25th, 2026

Waraanni maafiyaa PP godina Lixa Wallaggaa aanaa Mana Sibuu keessatti mana hawaasa nagaa gubuun beekame

Sep 9, 2024

ONM-ABO Fulbaana 8, 2024

Murni garboomfataa PP waggoota ja’an darbaniif “Waraana Bilisummaa Oromoo har’a balleessina; boru balleessina” jedhee dhaadatus, injifatamaa jiraachuu irraan kan ka’e, aarii Waraana Bilisummaa Oromoof qaban uummata nagaa irratti, ba’achaa turuu fi jiraachuun beekamaadha.

Haaluma kanaan, Fulbaana 6, 2024 waraanni Bilxiginnaa godina Lixa Wallaggaa aanaa Mana Sibuu ganda Guyyoo Heennaa jedhamutti nama nagaa maqaan isaa Obbo Hordofaa Dafaa jedhamu jalaa, mana isaa qabeenya guutuu waliin barbadeessuu maddeen keenya eeranii jiru.

Akka maddeen himanitti, “namni manni isaa jalaa gubate kun siyaasa kam keessaayyuu qooda kan hin qabnee fi hawaasa naannichaa biratti jaallatamummaa guddaa kan qabu yoo ta’u, waraanni goolessituu impaayerichaa maqaa “Waraanaa Bilisummaa Oromoo tumsita” jedhu itti maxxansuun waqtii gannaa kanaan maatii fi waatii isaa dirree irratti hambisan” jechuudhaan ONM’tti himanii jiru.

Leave a Reply