• Wed. Nov 25th, 2026

Labsiin Qeerroo Bilisummaa Oromoon waamame guyyaa 3’ffaaf jabaatee itti fufuun barame

Sep 9, 2024

ONM-ABO Fulbaana 9, 2024

Qeerroon Bilisummaa Oromoo roorrifama saba Oromoo taa’ee ilaaluu dadhabuun akkuma baratame diddaa uummataan dhiibbaa jabaa bulchiinsa Bilxiginnaa duguuggaa fi mancaatii geggeessaa jiru irratti geggeessuuf Lagannaa Gabaa fi Uggura Geejjibaa waamuun bifa qindaa’een geggeessisaa jira.

Labsii Jimaata darbe Fulbaana 6, 2024 irraa qabee geggeeffamaa jiru kanaanis Lixa Oromiyaa bakkoota adda addaatti, giddu galeessa Lixa Shaggar fi Kibba Lixa Shaggar magaalaa Wallisoo fi Amboo, Wallisoo fi Finfinneen cufaa ta’uun waraanni faashistii PP achi irra sochootus adabamaa jirti.

Baha Shaggar aanaa Dugdaa, Fantaallee, Boosat, akkasumas; Arsii Bahaa aanaa Martii, Jajuu fi Arsii Lixaa Nageellee Arsii fi Heeban Arsii keessatti cufaan  jabaateera.

Godina Gujii Lixaa fi Bahaa keessattis daandii guddaan magaalota aanaalee fi godina wal quunnamsiisu yoo cufamu, Asoosaa fi Gimbii kan wal quunnamsiisu cufamuun naannoo lameen addaan kutee jira.

Leave a Reply