• Wed. Nov 25th, 2026

Godina Baha Harargee aanaa Baddannootti ergamtoonni faashistii Abiy Ahimed hawaasa irratti saamicha raawwachuu itti fufan

Sep 9, 2024

ONM-ABO Fulbaana 9, 2024

Uummata Oromoo qe’ee fi qabeenya isaa irratti hadheeffachuun badii tokko malee sobaan yakkee ajjeesuu, saamuu, hidhuu fi qabeenya isaa abiddaan barbadeessuu hojii idilee isaa kan godhate waraanni maafiyaa impaayera Itiyoophiyaa goleewwan Oromiyaa mara keessatti ilmaan Oromoo, Oromummaa isaaniin yakkuun dararaa hamaa irraan ga’uu cimsee itti fufee jira. 

Haaluma kanaan, godina Baha Harargee aanaa Baddannootti ergamtoonni bilxiginnaa uummata saamuu akkuma itti fufanitti jiraachuun ibsameera.

Aanaa Baddannoo araddaa Daadaa Furdaa jedhamu keessatti maqaa kaffaltii gosa adda addaa itti waamuun yeroo yerootti qarshii hedduu kan guurratu waraanni saamtuun impaayerichaa, yeroo ammaa kana immoo maqaa “caasaa gandaa haarawaa aanaa irraa gara gandaa dhufaniif waan isaan barbaachisu hunda guunna” jechuun nama tokko irraa qarshii 300 dirqamaan guuraa jiraachuu maddeen ONM’tti himan.

Kana duras, araddoota aanichaa hunda irraa maqaa gosa kaffaltii adda addaa uummatatti dhahuun saamaa kan turanii fi yeroo ammaa kanas haaluma duraa sanaan itti fufuun kanneen qarshii jedhame kaffaluu didan immoo reebichaa fi hidhaan dararaa jiraachuu jiraattonni araddichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Leave a Reply