ONM-ABO Fulbaana 9, 2024
Murni garboomfataan impaayerattii kutaalee Oromiyaa cufa keessatti loltoota isaa akka isaan ilmaan Oromoo dararaniif bobbaasuu fi meeshaalee isaa hunda fayyadamuun tajaajiloota adda addaa irraa kutuun miidhaa ulfaataa geessisaa jira.
Haaluma kanaan, godina Kaaba Shaggar aanaalee adda addaa irraa tajaajilli qunnamtii hawaasa jalaa addaan cituun beekamee jira.
Aanaalee godina Kaaba Shaggar jala jiran hedduun isaanii sababa rakkoo nageenyaa karaa finxaaleeyyii Amaaraa fi loltoota sirnichaan hawaasa mudateef uummanni sagalee isaa dhageessifachuu isaa hordofee tajaajilli quunnamtii erga addaan citee guyyoota 4 guutuu maddeen eeranii jiru.
Tajaajilli neetwoorkii fi interneetii addaan cituun uummanni aanaalee godinichaa hedduun rakkoo hamaa keessa kan jiran ta’uunis itti dabaluun ibsameera.
Dabalataanis aanaalee Lixa Shaggar kanneen akka Meettaa Wal-qixxee, Meettaa Roobii fi Ada’aa Bargaa keessatti haaluma wal fakkaatuun tajaajilli quunnamtii hawaasa irraa citee jiraachuun beekamee jira.
Murni Bilxiginnaa nagaa gaafadhaa jedhee hawaasa humnaan baasus, bu’aan siyaasaa inni tilmaammatte argamuu dinnaan hawaasa quunnamtiin ala taasisee jira.
Teeleen Itiyoophiyaa meeshaa qaama bulchiinsa of harkaa qabu ta’uun hawaasa irraa quunnamtii bilbilaa fi interneetii kutuun kan beekamu yoo ta’u, bakkuma tajaajila ga’aa fi qulqullina qabu hin laannetti bu’aa arganne jechuun yeroo ibsitu argina.


