ONM-ABO Fulbaana 9, 2024
Loltoonni bilxiginnaa uummata Oromoo dararuu hojii godhatan sodaa “Waraana Bilisummaa Oromootu nutti ce’a” jedhuun wayita gannaa kana akka uummanni walitti hin ceene lageen addaan kutuun hariiroo hawaasni qabu gargar fageessee jira.
Haaluma kanaan, daandiin godina Jimmaa aanaa Noonnoo Beenjaa fi godina Lixa Shaggar aanaa Daannoo wal qunnamsiisu waggaa sadiif addaan cituun beekamee jira.
Qaamoleen bulchiinsa Bilxiginnaa ofii daandii laga Gibee addaan kutuun “Waraana Bilissummaa Oromootu cufe” jedhanii holola geggeessaa kan jiranii fi hoggaa uummanni “karaan nuuf haa banamu” jedhee gaafachaa ture loltoonni bilxiginnaa hawaasa callisisuun wal irraa dhorkanii siyaasa mataa isaanii geggeeffachaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf himan.
Sababa addaan cituu daandii kanaaf uummanni gama lachuu faayidaa argachuu qabu dhabuun rakkoo hamaaf saaxilamaa jiraachuu maddeen itti dabaluun ibsanii jiru.

