ONM-ABO Fulbaana 9, 2024
Haleellaa waraana ji’oota 11’f Gaazaa keessatti geggeeffame waliin walqabatee mul’atuun, Dilbata kaleessaa qaxxaamuraa daangaa West Baankii fi Joordaan irratti lammiileen Israa’el sadii rasaasaan rukutamuun ajjeefaman.
Waraanni Israa’el akka jedhetti namni qawwee hidhate kun konkolaataa fe’umsaatiin gama Joordaan irraa gara qaxxaamuraa riqicha Alenbiy jedhamutti dhiyaatee humnoota nageenyaa Israa’el irratti dhukaasa banuun humnootni nageenyaa Israa’el dhukaasa raawwataniin nama haleellaa raawwate ajjeese. Namoonni sadan ajjeefaman lammiilee nagaa Israa’el ta’uu ibseera. Tajaajilli baraarsaa Israa’el Magern Deevid Adom hundi isaanii dhiirota umrii 50 keessa jiran ta’uu ibseera.
Joordaan dhukaasa kana qorachaa akka jirtu Dhaabbanni Oduu mootummaa ishee Petra News Agency gabaaseera. Biyyi Arabaa warra dhihaa waliin michuu taate kun bara 1994 Israa’el waliin nagaa kan uumte yoo ta’u, imaammata Falasxiinota irratti qabdu garuu gadi fageenyaan qeeqti. Joordaan ummata Falasxiin baay’ee kan qabdu yoo ta’u, waraana Gaazaa keessatti geggeeffamaa jiruun Israa’el irratti mormii jumlaa argiteetti.
Gama biraatiin Gaazaatti haleellaan qilleensaa Israa’el kaleessa ganama raawwatteen dubartoota lama, daa’imman lamaa fi qondaala olaanaa Ittisa Siivilii dabalatee namoota shan ajjeesteetti.
Ameerikaan, Qaxar fi Masriin dhukaasa dhaabuu fi namoota booji’aman akka deebi’an gidduu galeessa ta’uuf ji’oota dabarsaniiru, garuu mariin kun irra deddeebiin kufaadha.
Israa’el waraana Baha Giddugaleessaa bara 1967 gaggeeffameen West Baankii, Gaazaa fi baha Yerusaalem — naannoowwan Falasxiinonni mootummaa gara fuula duraatiif barbaadan qabatteetti jirti jechuun gabaasa Asoosheetid Pirees France 24 gabaaseera.




