• Fri. Jan 2nd, 2026

Godina Lixa Harargee aanaa Shanan Dhuuggootti ergamtoonni murna garboomfataa PP jiraattota irratti saamicha raawwachuu akkuma itti fufanitti jiru

Sep 10, 2024

ONM-ABO Fulbaana 10, 2024

Loltoonni bilxiginnaa sababoota adda addaan dinagdeen isaa kufuu gaafa baran afaan qawwee uummatatti garagalfachuun dirqamsiisanii humnaan hawaasa Oromoo hunda saamuu, reebuu, hidhuu, mana irratti gubuu fi hidhanii garmalee dararuu har’as hammeessanii jiru.

Haaluma kanaan, godina Lixa Harargee aanaa Shanan Dhuuggootti ergamtoonni murna garboomfataa PP jiraattota irratti saamicha raawwachuu itti fufuun hawaasni waan dalagate garee hannaaf wal ijaareen dhabaa jira.

Aanaa Shanan Dhuuggoo araddaa Haqaan Jiraataa jedhamu irraa ergamtoonni sirnichaa “mana ijaaruu diddan” jechuun Fulbaana 8, 2024 hidhanii oolchuun gara galgalaa immoo namoota maqaan isaanii:

  1. Naasir Jamaal,
  2. Mahaammad Aliyyii,
  3. Caalaa Kiyyaa fi kanneen biroo hedduu qarshii dhibba shan shan adabanii bu’aa dhuunfaa isaanii irra oolfachuu jiraattonni gandichaa ONM’tti himan.

Aanichatti yakkoonni gara jabinaa tilmaama hin qabne hedduun harka lukkeelee bilxiginnaan hawaasa nagaa irratti kan raawwatamu cimee itti fufee jiraachuun itti dabaluun ibsameera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading