ONM-ABO Fulbaana 9, 2024
Bututtuu impaayera Itiyoophiyaa suphuuf halkanii fi guyyaa dhama’aa kan jiru murni Bilxiginnaa wayita ammaa maqaa caasaa gandaa ijaaruu jedhuun fedhii isaanii malee kaabinootaa fi loltoota isaanii gara gandoota baadiyyaa Oromiyaa cufatti bobbaasaa jiraniin mormii isaan gidduutti dhalateen harcaatiin isaan gidduutti uumamee jiraachuun barameera.
Haaluma kanaan, tibba kana kaabinoonni murna Bilxiginnaa godina Lixa Shaggar aanaa Ada’aa Bargaatti ijaarsa caasaa gandaa mormaa jiraachuun ifoomeera.
Akka maddeen jedhanitti, kaabinoonni haaraan gara gandoota aanichaa bakkoota adda addaatti ramadaman hundi isaanii sodaa lubbuu keenyaaf jecha nuti waan WBO waliin walitti nu buusu hin hojjennu jechuun mormanii kan jiranii fi kaabinoonni lakkoofsaan 4 ta’an ammoo hojicha dhiisuun badanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Iddoowwan adda addaatti murni bilxiginnaa Oromiyaa ofii isaaniitii Finfinneetti waraanaan eegamuun warra aanaatiin immoo ifaan ifatti deemaa du’aa jechuun yoo dirqamsiisan kaabinoonni sirnichaa ammoo keessaa badaa fi gariin isaanii ammoo fedhii isaaniin WBO heyyamsiisanii gara maatii isaaniitti galaa jiraachuun barameera.


