ONM-ABO Fulbaana 9, 2024
Tooftaalee bulchiinsaa uummata ittiin ukkamsan hidhaa, ajjeechaa, saamicha, gudeeddii fi buqqaatii geggeessuu akkasumas; qe’ee hawaasaa keessatti lola banuu raawwachaa kan jiru murni Bilxiginnaa, tarkaanfiilee teessoo aangoo kiyya naaf cimsa jedhu fudhatus, dhukkubni siyaasa impaayerattii qoricha sirrii hin argatin balaa uumuu itti fufeera.
Jimaata darbe Fulbaana 6, 2024 irraa qabuun Labsii Lagannaa Gabaa fi Uggura Geejjibaa Qeerroon Bilisummaa Oromoo baase hordofuun murni Bilxiginnaa Oromiyaa keessatti uummata doorsisaa fi caasaa isaa akeekkachiisaa jira.
Impaayerattiin alatti ammoo biyyoota adda addaaf Itiyoophiyaan nagaa akka taate agarsiisuuf ministeerri dhimma alaa guyya guyyaan iyyaa yoo oolu, magaalaa Finfinnee keessas qondaaltotni isaanii konkolaataa oofuun nageenya agarsiisuuf tattaafachaa jiru.
Oromiyaa kutaalee labsiin kun hojii irra oole Kaaba Shaggar, Kibba Lixa Shaggar, Lixa Shaggar, Baha Shaggar, Wallaggaa Arfan, Arsii lamaan fi Gujii keessatti qondaaltotni Bilxiginnaa waltajjiin wal dararaa fi yeroo nuti nageenya argamsiisneerra jennee addunyaa amansiisaa jirrutti, aanaa keessan keessatti kun mul’ataa jechuun aangoo irraa akka wal buusan walitti dhaadataa jiru.
Hojiirra oolmaa labsii kanaaf caasaaleen keenya harka keessaa qabdu, isin gurmaa’iinsi gandaa haaraan lafa akka hin qabannee fi gara gandaa lubbuu keessaniif deemuu warra sodaattantu waliin hojjechaa jira jechuun siyaasa ‘hidhata WBO’ qabda jedhuun wal hidhuuf akka deeman barameera.
Konkolaachistoota humnaan baasuuf manneen namootaa, warshaalee fi mana suphaa konkolaataa keessa barbaadanii deemsisuuf yaalanis bakkoota akka Dambii Doolloo fi Machaaraa gidduutti akkasumas Anfilloo fi Dambii Doolloo gidduutti humna Qeerroo Bilisummaa Oromoon gufateera.
Kun kanaan osoo jiruu labsiin lagannaa gabaa fi uggura geejjiba kun har’a guyyaa 4’ffaaf aanaa Dugdaa, naannoo Adaamaa, Amboo, Wallisoo, Arsii fi Naqamtee jalatti jabaatee jiraachuun barameera.
