ONM-ABO Fulbaana 10, 2024
Sirna gita bittummaa irraa bulchiinsa dhaaleen uummata nagaa dararee bulchuu kan barbaadu murni maafiyaa Bilxiginnaa ilmaan Oromoo kutaalee Oromiyaa garaa garaa irraa jireenya isaanii fooyyeffachuuf magaalota adda addaa keessatti hojii dhuunfaa isaanii hojjetanii of jiraachisan, maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo deggartu jedhu itti maxxansuun dararaa jiru.
Haaluma kanaan, waraanni nama nyaataan PP magaalaa Dukam keessaa dargaggoota adamsanii hidhuu cimsanii jiru.
Fulbaana 7, 2024 waraanni sirnichaa bulchiinsa magaalaa Duukam keessaa dargaggoo maqaan isaa Habtaamuu Damee jedhamu “Waraana Bilisummaa Oromootiif dhiyeessii dhiyeessita” maqaa jedhu itti maxxansuudhaan badii tokko malee hidhaatti darbachuu maddeen ONM’f ifoomsaniiru.
Magaalicha keessaa dargaggoonni hedduun ukkaamfamuun ji’oota hedduuf hidhamanii garmalee dararamaa jiraachuu fi loltoonni sirnichaa akka mana hidhaa sana keessaa ba’aniif maallaqa humnaa olii gaafachaa jiraachuunis itti dabaluun ibsameera.


