ONM-ABO Fulbaana 11, 2024
Ergamtoonni bilxiginnaa qaama isaanii olii gammachiisuuf qarshii xiqqoon gowwomfamanii ilmaan Oromoo qofa dararuu amaleeffatan addatti immoo dargaggoota irratti xiyyeeffachuun qabanii hidhuu, ajjeesuu fi achi buutee dhabamsiisuun dararaa garmalee hawaasa nagaa irratti raawwataa jiru.
Haaluma kanaan, godina Baha Wallaggaa aanaa Guutoo Giddaa magaalaa Ukkeetti ergamtoonni bilxiginnaa dargaggoo tokko ukkaamsuun hidhaatti darbachuu fi kanneen biroos qabuu itti fufanii jiraachuun ibsamee jira.
Ergamtoonni bilxiginnaa guyyaa dheengaddaa Fulbaana 9, 2024 dargaggoo maqaan isaa Ayyaanaa Tasfaa jedhamu magaalaa Naqamtee irraa “Waraana Bilisummaa Oromoo deggerta” jedhanii ukkaamsuudhaan hidhaatti darbatanii garmalee dararaa jiraachuu namoonni itti dhiyeenyaan beekan himan.
Akka namootni kun jedhanitti, dargaggoon kun siyaasa kam keessa kan hin jirre ta’uu ibsuun, sababa tokko malee sobaan yakkamuun qabamee waajira poolisii magaalaa Naqamteetti hidhamee garmalee dararaa hamaa argaa jiraachuu dubbatu.
Guyyaa dheengaddaas dargaggoonni lama loltoota sirnichaan ukkaamfamuun magaalaa Naqamtee ganda 05’tti hidhamuu isaanii isiniif gabaasuun keenya niyaadatama.

