ONM-ABO Fulbaana 12, 2024
Murni Bilxiginnaa rakkoo hawaasa Oromoo irratti yeroodhaa yerootti gochaa jiruun hawaasni bu’aa ba’ii jireenyaa, qaala’iinsa gabaa fi doorsisa waraanaan miidhaa jabaa keessa akka jiru jiraattonni godina Baha Wallaggaa aanaa Sibuu Siree ONM’tti himan.
Aanaa Sibuu Siree ganda Burqaa Xaalootii fi gandoota adda addaa keessatti gara jabina waraanni faashistii PP hawaasa Oromoo irratti gochaa jiruun gudeeddii, saamicha, hidhaa fi hiraarfamni jabaatee jira kan jedhan jiraattonni onichaa, Fulbaana 4, 2024 galmeen mana barnootaa eegalus barsiisonni mooraa akka hin seenne dhorkamuun reebichi jabaan barsiisota moorichaa irratti raawwachuu himan.
Daarektera mooraa mana barumsaa Sadarkaa 1’ffaa Amuumaa Xaaloo kan ta’an Obbo Tolaa Wiirtuu fi barsiisota isaa waliin jiran waraanni faashistii PP maaliif mooraa mana barnootaa seentan jechuun reebuun miidhaa jabaa irraan ga’uun ifoomeera.
Kana malees shamarran lama irratti gareen gudeeddii irratti raawwachuu jiraattonni kan himan yoo ta’u, mooraan mana barnootaa hafee bakka hidhaa, saamichaa, gudeeddii fi ajjeechaa akka ta’es himameera.
Dabalataanis barattoonni akka itti galmaa’an kan dhaban yoo ta’u, waraanaa fi barataan wal keessa taa’uun bilisummaa barnootaa akka sarbu addeessaniiru.

