• Sat. Jan 3rd, 2026

Godina Horro Guduruu Wallaggaa aanaa Coomman Guduruutti loltoonni bilxiginnaa rifeensa dheereffachuun WBO fakkaatanii jiraattota hidhaatti darbatan

Sep 12, 2024

ONM-ABO Fulbaana 11, 2024

Loltoonni bilxiginnaa humna ittiin Waraana Bilisummaa Oromoo injifatan dhabuu yeroo baran, yeroo adda addaatti haala ittiin ilmaan Oromoo kiyyoo xaxanii afaan hammeenyaa keessa buusuun dhiiga dhugaa foon namaa akka bineensaatti sooratan kalaqa adda addaa fayyadamuun haala isaan irratti hin baramneen miseensa Waraana Bilisummaa Oromoo fakkaatanii hawaasa dogoggorsuu itti fufan.

Haaluma kanaan, godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Coomman Guduruutti loltoonni bilxiginnaa rifeensa dheereffachuun WBO fakkaatanii jiraattota hidhaatti darbatan.

Fulbaana 9, 2024 aanaa Coomman Guduruu ganda Reef-Guddannee jedhamtu keessaa loltoonni bilxiginnaa rifeensa dheereffatanii WBO fakkaatanii hawaasa garmalee dogoggorsuun dargaggoota maqaan isaanii Cimdoo Baqqalaa fi Abbaa Shaggee jedhaman ukkaamsuun badii tokko malee hidhaatti darbatanii dararaa jiraachuu jiraattonni gandichaa ONM’tti himan.

Akka jiraattonni himanitti, “dargaggoonni kun Waraana Bilisummaa Oromoo itti fakkaannaan waliin dubbatan,  gara aanaa Coomman Guduruu kanatti amma waan akkasii hammaatee jira, gochi kun tooftaa ittiin Waraana Bilisummaa Oromoo fi hawaasa Oromoo gidduu goranii sababa jaalala uummatni WBO’f qabuun sana fakkaatanii uummata miidhuuf karoorfatanii hojjetanii dha” jechuun dubbatu.

Kanaaf uummanni Oromoos ta’e aanaa sanaa namoota akka kanaa irratti xiyyeeffachuu fi eeruu waliif kennuun akkasumas of eeggannoo gochuu qabdus jedhaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading