• Tue. Jan 13th, 2026

Iraan misaa’ela gara Raashiyaa erguu isheen qoqqobbiin irra kaa’ame

Sep 12, 2024

ONM-ABO Fulbaana 11, 2024

UK, Faransaay fi Jarmaniin Iraan Raashiyaatti misaa’ela balistikii Yukireen keessatti fayyadamuuf dhiyeessite jechuun qoqqobbii haaraa irra kaa’uu labsan.

Tarkaanfiiwwan haaraa yeroo Ministirri Dhimma Alaa Yunaayitid Isteets Antonii Bilinken Landan daawwatanitti labsaman keessaa dandeettii xiyyaarri Iraan gara UK fi Awurooppaatti balali’uu akka hin dandeenye uggura kaa’uudha.

Mr Bilinken akka jedhanitti Raashiyaan lammiilee Iraan misaa’ela fageenya gabaabaa fayyadamuuf leenjifaman torban muraasa keessatti lammiilee Yukireen irratti bobba’uu akka danda’an himaniiru.

Waajjirri Dhimma Alaa UK akkasumas namoota ijoo dhiyeessii misaa’elaa kana keessatti hirmaannaa guddaa qabu jedhe hedduu irratti qoqqobbii addaa akka kaa’u beeksiseera.

Kanneen keessaa Birgeder Jeneraal Iraan Seyed Hamzeh Gihalandarii kan biyyattiin oomishaalee ittisaa michoota isheef ergitu ajajan dabalatee Qondaaltota Iraan biroo lama waliin uggura imalaa fi qabeenyi isaa dhorkaa jala galeera.

Dooniin fe’umsaa Raashiyaa shanis qoqqobbiin irra kaa’ameera.

Gama biraatiin ammoo, dhaabbileen hedduun, kanneen diroonii Shaahed oomishuuf hirmaatan jedhaman dabalatee  kanneen Raashiyaan magaalota Yukireen irratti haleellaa raawwachuu irratti wal irraa hin cinne itti fayyadamte  qoqqobbiin irra kaa’ameera.

Ibsa UK, Faransaayii fi Jarman kennaniin Iraan “deeggarsa waraana Raashiyaan Yukireen irratti geggeessitu hunda hatattamaan akka dhaabduu fi dabarsuu misaa’ela balistikii ishee akka dhaabdu” gaafataniiru.

Itti dabaluunis Iraan misaa’ela dhiheessite ”nageenya Awurooppaatiif kallattiin balaa ta’uu” bakka bu’a jedhan jechuun BBC’n gabaaseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading