• Wed. Jan 14th, 2026

Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Jiillee Dhummuuggaa keessatti WBO’n diina du’aa fi madoon adabe

Sep 12, 2024

ONM-ABO Fulbaana 12, 2024 

Irree fi gaachanni saba Oromoo WBO’n itti fufiinsa bobbaa Irbuu Shinniggaa sababeeffachuun tarkaanfii guggubduu lukkeelee bilxiginnaa irratti fudhatu jabeessee itti fufe. 

Haaluma kanaan Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Jiillee Dhummuuggaa bakka addaa Aannannoo jedhamutti Fulbaana 10, 2024 halkan toora sa’atii 5:00’tti humna diinaa konkolaataa tokkoon magaalaa Haxaayyee irraa  ba’aa turte WBO’n haxxee itti hidhuun loltootuma irra jiran waliin konkolaataa tokko guutummaatti barbadeesseera.

Haleellaa jajjabeen WBO waraana weerartuu PP Abiy Ahimed irratti fudhatee barbadeesse kanaanis loltootni murna bilxiginnaa kun humna waraanaa guurrachuun ambulaansii” fidatanii reeffaa fi madoo kaafachuun barameera. 

Oduuma haleellaan wal qabatuun WBO’n Zoonii Harsadee Fulbaana 10, 2024 magaalaa Bishooftuu bakka Qaajimaa jedhamtutti fudhateen karaa jajjabee tarkaanfii boombii fudhateen milishoota 3 fi poolisii tokko battalatti yoo ajjeesu, kan madoofte hospitaala Bishooftuutti yaalamaa jiraachuun barameera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading