• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Buunnoo Beddellee aanaa Daaboo Haannaatti waraanni faashistii PP hawaasa nagaa hidhuu fi reebuu cimsee itti fufe

Sep 13, 2024

ONM-ABO Fulbaana 12, 2024

Murni garboomfataa PP  waraana isaa golee Oromiyaa cufatti bobbaasuun uummata Oromoo irratti yakkoota gara jabinaa tilmaama hin qabne raawwachaa kan jiru yoo ta’u, bakkoota hedduutti badii tokko malee yakkanii hidhuun yeroo barbaadanitti hidhaa irraa baasanii ajjeesuun ilma namaa soora allaattii taasisaa jiru.

Haaluma kanaan, godina Buunnoo Beddellee aanaa Daaboo Haannaatti loltoonni sirnichaa uummata nagaa reebuu fi hidhaatti darbachuu cimsanii itti fufanii jiru.

Aanaa Daaboo Haannaa ganda Cittuu Qarkaa bakka addaa Mannisaa jedhamutti loltoonni maafiyaa PP Fulbaana 10, 2024 konkolaataa lamaan gandicha seenuun humnoota finxaaleeyyii Amaaraa dammaqfachuun naannoo sa’atii 3:00’tti namoota midhaan eeganiin “Waraana Bilisummaa Oromoo qabanne” jedhanii dargaggoota maqaan isaanii Mahaammadii fi Ibiraahim jedhaman obboleeyyan lamaan ukkaamsuun huccuu irraa baasanii qullaa isaanii garmalee reebuun fuudhanii deemuu jiraattonni gandichaa ONM’tti himan.

Dargaggoota garmalee reebaman ijaan ilaaluu dadhabuun dubartiin maqaan ishee Aadde Kamisee Fiqaaduu jedhamtu  nyaata afaan kaa’uuf yeroo dhaqxu ishee irrattis reebicha hamaa raawwatanii jiraachuu maddeen itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Kana malees, dhalattoota Amaaraa kan ta’an loltoota Bilxiginnaaf qarshii dhibba tokko tokko guuranii horii ittiin qalanii nyaachisuun baramee jira.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading