• Tue. Jan 13th, 2026

Onkoloolessa 7 irraa eegalee yoo xiqqaate lammiileen Falasxiinota 41,118 Gaazaatti ajjeefaman jedhe Ministeerri fayyaa

Sep 13, 2024

ONM-ABO Fulbaana 13, 2024

Ministeerri fayyaa Gaazaa Kamisa kaleessaa akka ibsetti, lola Israa’elii fi hidhattoota Falasxiin gidduutti geggeeffameen amma ji’a 12ffaatti yoo xiqqaate namoonni 41,118 ajjeefamaniiru.

Lakkoofsin kun namoota sa’atii 24 darban keessatti lubbuu dhaban 34 kan dabalatu ta’uu ministeerichi ibsuun erga waraanni kun Onkoloolessa 7 hidhattoonni Hamaas Israa’eliin haleeluun jalqabee as naannoo Gaazaatti namoonni 95,125 madaa’uu ibseera.

Kun kanaan osoo jiruu hogganaan imaammata alaa Gamtaa Awurooppaa Joozeep Booreel Kamisuma kaleessaa haleellaa qilleensaa Israa’el Gaazaa keessatti mana barumsaa gara da’annoo uummataatti jijjiirame irratti raawwatteen hojjettoonni dhaabbata baqattoota   Mootummoota Gamtoomanii Falasxiin jaha ajjeefamuu isaaniitiin “aarii guddaa” akka qaban dubbataniiru.

“Qajeeltoowwan bu’uuraa IHL (seera namoomaa idil-addunyaa), keessumaa eegumsa lammiilee nagaa tuffachuun hawaasa addunyaa biratti fudhatama argachuu hin danda’u, fudhachuus hin qabu,” jechuun Booreel X irratti barreessuu Ajaansi Firaansi Pirees gabaaseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading