ONM-ABO Fulbaana 13, 2024
Maqaa namni hin qabnee fi gocha keessa hin beekneen Oromiyaa keessatti namoonni nagaan hidhaa fi ajjeechaa loltoota PP’n irratti raawwatamu bartee kan ta’e yoo ta’u yeroo ammaas namuu nagaan manaa bahee nagaan manatti deebi’uun yaaddoo cimaa ta’ee jira.
Haaluma kanaan, godina Qellam Wallaggaa aanaa Hawwaa Galaanitti loltoonni faashistii PP jiraattota magaalaa Machaaraa irratti hidhaa fi reebicha raawwachuu hammeessaniin magaalaan wiirtuu daldalaa fi oomisha Finfinnee dabalatee bakkoota adda addaatti ergitu rakkoo keessa seentee jirti.
Fulbaana 11, 2024 aanaa Hawwaa Galaan bulchiinsa magaalaa Machaaraa keessatti loltoonni sirnichaa dhugaatii dhuganii machaa’uun mana nyaataa keessaa namoota baay’inaan 10 ta’an garmalee reebuun, kanneen 20 ol ta’an immoo qabanii hidhaatti darbachuu maddeen keenya eeranii jiru.
Akka jiraataan manicha keessa ture tokko jedhetti namoonni kunneen balleessaa tokkollee kan hin qabnee fi waan itti yaadamee uummata shororkeessuuf godhameedhas jedhe.
Magaalicha keessaa sababootaa fi maqaa adda addaa uummatatti maxxansuun jiraattota hedduu ukkaamsuun gidirsuu fi hiraarsuun rakkisaa jiraachuun ibsameera.


