• Fri. Mar 13th, 2026

Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo Godina Arsii Bahaa Aanaa Gadab-Hasaasaa Keessatti Diina Du’aa fi Madoon Adabuu Beeksise 

Sep 14, 2024

ONM-ABO Fulbaana 14, 2024 

Irree fi gaachanni sabaa WBO’n Cibraan Jaal Nadhii Gammadaa cichitoonni kaayyoo haqaa diina uummata nagaa hiraarsaa jirtu Zoonii Kibba Bahaa keessatti adabaa jira.

Haaluma kanaan Fulbaana 12, 2024 korommiiwwan Kibba Bahaa aanaa Gadab-Hasaasaa ganda Hulluuqqoo jedhamu keessatti diina uummata walitti qabuun reebaa turte itti birmachuun rasaasaan olii fi gadi goolee loltoota impaayera Itiyoophiyaa 6 ajjeesee 11 madoon adabee jira.

Uummata isheen reebaa turte harkaa yaasuun, humna diinaa ari’ee gara magaalaa aanichaatti deebisee jira. 

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading