ONM-ABO Fulbaana 13, 2024
Dinagdeedhaan saba quucarsuuf halkanii fi guyyaa boqonnaa tokko malee kan carraaqu waraanni seerdhablummaan keessatti dagaage kan Koloneel Abiy Ahimediin golee Oromiyaa mara keessatti uummata Oromoo akka dararaniif bobbaafaman, gochoota badii isaanii ajjeechaa qabee hanga buqqaatii raawwataniin cinatti, namoota nagaa qabuun hidhanii maallaqa isaan harkaan tuqanii hin beekne gaafachaa jiru.
Bifuma kanaanis Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Dawwee Harawaa ganda Manduuboo keessatti Fulbaana 10, 2024 waraanni faashistii PP milishoota sirnichaa of dura buusuun gandichatti bobba’anii dargaggoo maqaan isaa Indirroo Adam Hasoo jedhamu qe’eetti marsuun qabanii reebicha ulfaataa irraan ga’uun magaalaa Booraatti hidhuu dubbatan.
Akka jiraattota gandichaa irraa ONM qulqulleeffatetti, dargaggoo kanaan ati maatii qabsaa’otaati, WBO deggarta, ni nyaachistaa fi daandii agarsiifta, maqaa jedhuun erga ija maatii duratti reebicha ulfaataa irraan ga’aniin booda magaalaa Booraa baasuun watwwaachisaa maatiitti bilbilanii ilma keessan ajjeesuuf jirra, kanaafuu yoo isa jaal’atanii fi lubbuu isaa baraaruu barbaaddan maallaqa gatii qawwee 4 nuuf kaffalaa yoo hin qabaanne ni ajjeefna jedhanii doorsisaa akka jiran maddeen eeraniiru.
Maatiin dargaggoo kanaas nuti maallaqa gatii qawwee afurii eessaa fidna, ofiifuu waan nyaannee bullu dhabaa jirra, 2’ffaa ilmi keenya yakka hin dalagne maallaqa kaffallus hin qabnu jechuun galgalaa fi ganama boo’aa jirus jedhaniiru.
Oduu hidhaatiin ammoo godinichuma aanaa Harxummaa Fursee magaalaa Cirrattii keessaa Fulbaana 10, 2024 dargaggoo maqaan isaa Adam Mahaammad jedhamu WBO deggarta itiin jechuun hidhattootni sirnichaa kun qabanii hidhuun dararaa akka jiran barameera.
