• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Baha Harargee aanaa Baddannootti ergamtoonni PP, hawaasa nagaa hidhaatti guuruu itti fufe 

Sep 15, 2024

ONM-ABO Fulbaana 15, 2024 Maqaan Waraana Bilisummaa Oromoo Oromiyaa keessatti maqaa murni bilxiginnaa dhimma itti bahuun hidhaa qabee hanga ajjeechaatti uummata nagaa irratti ittiin raawwachaa jiru yoo ta’u, keessattuu ammoo madda daldalaa isa ijoo ta’eefii jira.

Haaluma kanaan, godina Baha  Harargee aanaa Baddannootti jiraattota nagaa dhimma siyaasaa keessaa gahee hin qabne kanneen nagaan jiruu fi jireenya isaanii geggeeffatan maqaa WBO waliin hariiroo qabduun hidhaatti guuranii jiraachuu jiraattotni dubbatu.

Magaalaa Baddannoo irraa namoota maqaan isaanii:

  1. Ibsaa Shinqil
  2. Amdii Yaayyaa
  3. Maammad
  4. Barsiisaa Abdii
  5. Barsiisaa Kamaalii fi 
  6. Afsee kanneen jedhaman torban darbe keessa qabamanii hidhamanii dararamaa jiraachuu jiraattonni magaalichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf himaniiru.

Aanicha keessatti hidhaa fi  saamicha qabeenyaa akkasuma lubbuu obbaasuun guyyaa irraa gara guyyaatti jabaatee akka jiruu fi uummanni nagaanis yaaddoo nageenyaa jabaa keessa galanii akka jiran dabaluun ibsaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading