• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Baha Wallaggaa magaalaa Naqamtee keessatti namoonni sobaan yakkamuun ji’oota hedduuf hidhaman loltoota Abiy Ahimediin miidhaa cimaan irra ga’uun jabaate 

Sep 15, 2024

ONM-ABO Fulbaana 14, 2024

Kutaalee Oromiyaa cufa keessaa maqaa adda addaa itti maxxansuun loltoonni sirnichaa ilmaan Oromoo adamsanii ukkaamsuun mana hidhaatti darbatanii garmalee dararaa kan jiran ta’uun barameera.

Haaluma kanaan, godina Baha  Wallaggaa magaalaa Naqamtee keessatti namoonni sobaan yakkamuun ji’oota hedduuf hidhaman loltoota Abiy Ahimediin miidhaan cimaan irra gahaa jiraachuun ibsameera.

Magaalaa Naqamtee fi naannoo ishee irraa sobaan yakkamuun gandoota magaalichaa bakka adda addaatti sababa kana dura lagannaa nyaataa geggeessaniif dararaan isaan irra gahu cimee itti fufee jiraachuu namoonni itti dhiyeenyaan beekan himan.

Akka namoonni kun jedhanitti, addatti miidhaa ulfaataa argaa kanneen jiran hidhamtoota magaalaa Naqamtee aanaa 2’ffaa ganda 07 keessatti hidhaman yoo ta’u warri bakka biroo jiranis haala duraan barameen olitti dararamaa jiraachuu itti dabaluun ibsanii jiru.

Kana malees, hidhamtootni magaalaa sanatti hidhaman dhukkuboota daddarboo adda addaan saaxilamuu fi yaala dhorkamanii dararamaa jiraachuu gabaasaa turre.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading